وَاِذْ يَرْفَعُ اِبْرٰهٖمُ الْقَوَاعِدَ مِنَ الْبَيْتِ وَاِسْمٰعِيْلُۗ رَبَّنَا تَقَبَّلْ مِنَّا ۗ اِنَّكَ اَنْتَ السَّمِيْعُ الْعَلِيْمُ
wa iż yarfa‘u ibrāhīmul-qawā‘ida minal-baiti wa ismā‘īl(u), rabbanā taqabbal minnā, innaka antas-samī‘ul-‘alīm(u).
Akkasumas (yaadadhu) Ibraahim Ismaa'eel waliin bu'uura Mana Qulqullummaa yeroo ol kaasu, (osoo kadhatu), "Yaa Gooftaa keenya (sadaqaa) nurraa fudhadhu. Dhugumatti ati hunda dhaga'aa, hunda beekuudha."
وَاِذْ بَوَّأْنَا لِاِبْرٰهِيْمَ مَكَانَ الْبَيْتِ اَنْ لَّا تُشْرِكْ بِيْ شَيْـًٔا وَّطَهِّرْ بَيْتِيَ لِلطَّاۤىِٕفِيْنَ وَالْقَاۤىِٕمِيْنَ وَالرُّكَّعِ السُّجُوْدِ
wa iż bawwa'nā li'ibrāhīma makānal-baiti allā tusyrik bī syai'aw wa ṭahhir baitiya liṭ-ṭā'ifīna wal-qā'imīna war-rukka‘is-sujūd(i).
Akkasumas (yaadadhaa), yeroo Ibrahiim Mana Rabbii keessa kaa'an (jennaan) "warra tawaaf godhaniif, warra ibaadaa fi warra sagadanii fi sujuuda godhaniif homaa natti hin sharikii mana kiyya qulqulleessi."