اَلَمْ تَرَ اِلَى الَّذِيْنَ نُهُوْا عَنِ النَّجْوٰى ثُمَّ يَعُوْدُوْنَ لِمَا نُهُوْا عَنْهُ وَيَتَنٰجَوْنَ بِالْاِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَمَعْصِيَتِ الرَّسُوْلِۖ وَاِذَا جَاۤءُوْكَ حَيَّوْكَ بِمَا لَمْ يُحَيِّكَ بِهِ اللّٰهُ ۙوَيَقُوْلُوْنَ فِيْٓ اَنْفُسِهِمْ لَوْلَا يُعَذِّبُنَا اللّٰهُ بِمَا نَقُوْلُۗ حَسْبُهُمْ جَهَنَّمُۚ يَصْلَوْنَهَاۚ فَبِئْسَ الْمَصِيْرُ
alam tara ilal-lażīna nuhū ‘anin-najwā ṡummā ya‘ūdūna limā nuhū ‘anhu wa yatanājauna bil-iṡmi wal-‘udwāni wa ma‘ṣiyatir-rasūl(i), wa iżā jā'ūka ḥayyauka bimā lam yuḥayyika bihillāh(u), wa yaqūlūna fī anfusihim lau lā yu‘ażżibunallāhu bimā naqūl(u), ḥasbuhum jahannam(u), yaṣlaunahā, fa bi'sal-maṣīr(u).
Warra haasawa dhoksaa gochuun dhoowwaman, sana booda gara dhorkaa sanatti deebi’anii haasawa dhoksaa godhanii cubbuu, diinummaa, Ergamaaf ajajamuu diduu isaanii hin arginee? Yeroo gara kee (yaa Muhammad) dhufan immoo haala Rabbiin siif ajajeen ala haala biraatiin nagaa si gaafatu. Isaanis ofumaan "Rabbiin maaliif waan dubbannu nu hin adabne?" Isaanif gahaadha ibidda jahannam, kan isaan itti seenan. Kanaafuu bakki hamtuu akkamii dha.
يٰٓاَيُّهَا الَّذِيْنَ اٰمَنُوْٓا اِذَا تَنَاجَيْتُمْ فَلَا تَتَنَاجَوْا بِالْاِثْمِ وَالْعُدْوَانِ وَمَعْصِيَتِ الرَّسُوْلِ وَتَنَاجَوْا بِالْبِرِّ وَالتَّقْوٰىۗ وَاتَّقُوا اللّٰهَ الَّذِيْٓ اِلَيْهِ تُحْشَرُوْنَ
yā ayyuhal-lażīna āmanū iżā tanājaitum falā tatanājau bil-iṡmi wal-‘udwāni wa ma‘ṣiyatir-rasūli wa tanājau bil-birri wat-taqwā, wattaqullāhal-lażī ilaihi tuḥsyarūn(a).
Yaa warra amantan! Yeroo marii dhoksaa gootan gocha cubbuu, diinummaa fi Ergamaaf ajajamuu diduu irratti hin mari'atinaa. Garuu waa'ee gocha gaarummaa fi Waaqayyoon sodaachuu haasa'aa. Rabbiin itti deebitee walitti qabamtu immoo sodaadhu.