وَاِذْ اَسَرَّ النَّبِيُّ اِلٰى بَعْضِ اَزْوَاجِهٖ حَدِيْثًاۚ فَلَمَّا نَبَّاَتْ بِهٖ وَاَظْهَرَهُ اللّٰهُ عَلَيْهِ عَرَّفَ بَعْضَهٗ وَاَعْرَضَ عَنْۢ بَعْضٍۚ فَلَمَّا نَبَّاَهَا بِهٖ قَالَتْ مَنْ اَنْۢبَاَكَ هٰذَاۗ قَالَ نَبَّاَنِيَ الْعَلِيْمُ الْخَبِيْرُ
wa iż asarran-nabiyyu ilā ba‘ḍi azwājihī ḥadīṡā(n), falammā nabba'at bihī wa aẓharahullāhu ‘alaihi ‘arrafa ba‘ḍahū wa a‘raḍa ‘am baḍ(in), falammā nabba'ahā bihī qālat man amba'aka hāżā, qāla nabba'aniyal-‘alīmul-khabīr(u).
Akkasumas yeroo Nabiyyiin (saw) haadha manaa isaa keessaa (Hafsah) tokko dhoksaan waa’ee taatee tokko dubbate yaadadhu. Ergasii (Aayishaatti) odeessee Rabbiin itti beeksise, sana booda (Nabiyyiin) garii isaa (Hafsah) beeksisee gariin dhokse. Kanaaf yeroo inni (Nabiyyiin) isheef (Hafsah) odeessu, “Kana eenyutu si beeksise?” Nabiyyiin (s.a.w) akkana jedhan, “Kan na beeksise Rabbiin Beeka, Hunduma Beekadha.”