قَالُوْا لَنْ نُّؤْثِرَكَ عَلٰى مَا جَاۤءَنَا مِنَ الْبَيِّنٰتِ وَالَّذِيْ فَطَرَنَا فَاقْضِ مَآ اَنْتَ قَاضٍۗ اِنَّمَا تَقْضِيْ هٰذِهِ الْحَيٰوةَ الدُّنْيَا ۗ
qālū lan nu'ṡiraka ‘alā mā jā'anā minal-bayyināti wal-lażī faṭaranā faqḍi mā anta qāḍ(in), innamā taqḍī hāżihil-ḥayātad-dun-yā.
Isaanis (falfaltoonni) "Ragaa ifa ta'e (mu'ijidaa), kan nutti dhufee fi (Rabbiin) kan nu uume irratti hundoofnee siif hin filannu (hin galchine) waan ta'eef waan murteessuu barbaaddu murteessi. Dhugaa dubbachuuf ati jireenya addunyaa tana irratti qofa murteessuu dandeessa."
قَالُوْا لَا ضَيْرَ ۖاِنَّآ اِلٰى رَبِّنَا مُنْقَلِبُوْنَ ۚ
qālū lā ḍair(a), innā ilā rabbinā munqalibūn(a).
Isaanis, “Nuti gara Gooftaa keenyaatti waan deebi’uuf waan sodaannu hin qabnu.
وَلَىِٕنْ سَاَلْتَهُمْ مَّنْ خَلَقَ السَّمٰوٰتِ وَالْاَرْضَ لَيَقُوْلُنَّ اللّٰهُ ۗ قُلْ اَفَرَءَيْتُمْ مَّا تَدْعُوْنَ مِنْ دُوْنِ اللّٰهِ اِنْ اَرَادَنِيَ اللّٰهُ بِضُرٍّ هَلْ هُنَّ كٰشِفٰتُ ضُرِّهٖٓ اَوْ اَرَادَنِيْ بِرَحْمَةٍ هَلْ هُنَّ مُمْسِكٰتُ رَحْمَتِهٖۗ قُلْ حَسْبِيَ اللّٰهُ ۗعَلَيْهِ يَتَوَكَّلُ الْمُتَوَكِّلُوْنَ
wa la'in sa'altahum man khalaqas-samāwāti wal-arḍa layaqūlunnallāh(u), qul afara'aitum mā tad‘ūna min dūnillāhi in arādaniyallāhu biḍurrin hal hunna kāsyifātu ḍurrihī au arādanī biraḥmatin hal hunna mumsikātu raḥmatih(ī), qul ḥasbiyallāh(u), ‘alaihi yatawakkalul-mutawakkilūn(a).
Dhugumatti immoo "samii fi dachii eenyutu uume?" Isaanis “Rabbiin” jedhanii deebisuun isaanii hin oolu. Akkana jedhi, "Egaa Rabbiin alatti waan gabbartan beektaa, Rabbiin balaa narratti fiduu yoo barbaade balaa sana buqqisuu ni danda'u moo Rabbiin rahmata naaf kennuu yoo barbaade rahmata Isaa ittisuu danda'uu?" "Rabbiin naaf gahaadha. Warri imaanaa isaanii kaa'an Isaaf bitamu" jedhi.
فَسَتَذْكُرُوْنَ مَآ اَقُوْلُ لَكُمْۗ وَاُفَوِّضُ اَمْرِيْٓ اِلَى اللّٰهِ ۗاِنَّ اللّٰهَ بَصِيْرٌ ۢبِالْعِبَادِ
fa satażkurūna mā aqūlu lakum, wa ufawwiḍu amrī ilallāh(i), innallāha baṣīrum bil-‘ibād(i).
Sana booda gaaf tokko waanan sitti hime ni yaadatta. Dhimma koos Rabbiif dabarsee nan kenna. Dhugumatti Rabbiin gabroota Isaa hunda arguudha."