11
Q.S Al-Ahzaab (33:11)
هُنَالِكَ ابْتُلِيَ الْمُؤْمِنُوْنَ وَزُلْزِلُوْا زِلْزَالًا شَدِيْدًا
hunālikabtuliyal-mu'minūna wa zulzilū zilzālan syadīdā(n).
Sunis bakka amantoonni qoramanii (qalbiin isaanii) rifannaa hamaadhaan raafamanidha.
22
Q.S Al-Ahzaab (33:22)
وَلَمَّا رَاَ الْمُؤْمِنُوْنَ الْاَحْزَابَۙ قَالُوْا هٰذَا مَا وَعَدَنَا اللّٰهُ وَرَسُوْلُهٗ وَصَدَقَ اللّٰهُ وَرَسُوْلُهٗ ۖوَمَا زَادَهُمْ اِلَّآ اِيْمَانًا وَّتَسْلِيْمًاۗ
wa lammā ra'al-mu'minūnal-aḥzāb(a), qālū hāżā mā wa‘adanallāhu wa rasūluhū wa ṣadaqallāhu wa rasūluh(ū), wa mā zādahum illā īmānaw wa taslīmā(n).
Akkasumas mu’umintoonni gareewwan (michuu) kana yeroo argan, “kana Rabbii fi Ergamaan Isaa waadaa nuuf galan” jedhan. Rabbii fi Ergamaan Isaa immoo dhugaadha. Kunis iimaana fi Islaamummaa isaanii ni dabala.